Fana: At a Speed of Life!

Oomishni Ruuzii bara 2017/18’tti gara kuntaala miliyoona 50’tti guddateera- BKO

Finfinnee, Ebla 12, 2018 (FMC) – Oomishni Ruuzii bara 2017/18’tti gara kuntaala miliyoona 50’tti guddateera jedhe Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa.

jijjiirama akka biyyaatti dhufe hordofee mootummaan haala baratamaa qonni ittiin gaggeeffamaa ture bu’uura irraa jijjiruun karaa tarsiima’aan akka hoogganamuufi riifoormii cimaan seektaricha keessatti hojiirra akka oolu taasisuu ibseera.

Inisheetiiviwwan garaagaraa qonna ammayyeessu, oomishaafi oomishtummaa guddisuu danda’an hedduun bocamanii hojiirra ooluun seenaa qonna biyyattii sadarkaa olaanaadhaan jijjiiraa jiraachuus kaaseera.

Inisheetivoota haaraa bocamanii hojiirra ooluun bu’aaa guddaa argamsiisaa jiran keessaa tokko inisheetivii misooma Ruuzii ta’uu yaadachiisuun, bu’aan gama kanaan argamaa jiru wabii nyaataa mirkaneessuufi birmadummaa biyyaa guutuu taasisuuf hojii hojjatamaa jiru keessatti shoora olaanaa taphachuu eegaleera jedhe.

Godinaalee garaagaraa keessatti haala dur hin baramneen qonni Ruuzii babal’achuun oomishtummaan isaa sadarkaa olaanaan dabaluun fedhii gabaa biyya keessaa guutuuf hojii bal’aan hojjetamaa akka jiru ibseera.

Naannichatti bara inisheetiiviin misooma Ruuzii labsame 2013/14 lafti hekteerri kumni 16 oomisha Ruuziin uwwifamee akka ture yaadachiisuun bara 2017/18 gara lafa hektaara miliyoona 1.2 olitti guddachuu eereera.

Oomishni callaa bara 2013/14tti kuntaala kuma 805 irra tures bara 2017/18tti gara kuntaala miliyoona 50’tti guddachuu ibse.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.