Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Ingiliiz hariiroo damee garaagaraan qaban cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Ebla 12, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaa fi Ingiliiz misoomaa fi Invastimantiin hariiroo qaban caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Addunyaa Waashingitanitti gaggeeffamaa ture cinatti Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Ministira Misoomaa Idil Addunyaa Ingiliiz Baaroonis Chaapimaan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, hariiroo damee misooma daldalaa fi tumsa Invastimantii caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Obbo Ahimad Shidee adeemsa fi milkaa’inoota fooyya’iinsa diinagdee gooroon argaman irratti ibsa kennaniiru.

Itiyoophiyaan Ingiliiz waliin michummaa cimaa qabaachuu kan eeran Obbo Ahimad Shideen, Mootummaan Ingiliiz deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Baaroonis Chaapimaan gamasaaniin, hojiilee jijjiiramaa Itiyoophiyaan hojjetaa jirtu dinqiisifachuun, Mootummaan Ingiliiz Itiyoophiyaa waliin michummaa misoomaa cimsee itti fufuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.

Akkasumas gahee Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti nagaaf tasgabbii mirkaneessuuf qabdu kaasaniiru.

Qaamooleen lameen michummaa biyyoota gidduu irra darbee misoomaa fi Invastimantiin akkasumas tumsa diinagdee isaanii cimsuuf waliigalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.