Guyyaa har’aa raawwii hojii mootummaa guyyoota 100 kurmaana 3ffaa gamaaggamuu jalqabneerra- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 12, 2018 (FMC) – Guyyaa har’aa raawwii hojii mootummaa guyyoota 100 kurmaana 3ffaa gamaaggamuu jalqabneerra jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan salgan darbanii cinaatti raawwii hojii mootummaa guyyoota 100 kurmaana 3ffaa gamaaggamuu eegalleerra jedhan.
Diinagdee guddinaaf mijataa hin turre, dhaabbilee dadhabaafi hammattoo siyaasaa akkasumas hirmaannaa dhuunfaa daanga’aafi bu’aa qabeessa hin taane keessaa baaneerra jechuun ibsaniiru.
Dameen dhuunfaa dorgommii dadhabaa keessa akka ture yaadachiisanii, dhaabbileen daldalaa mootummaa jala turan hedduun idaa olaanaa baatanii socho’aa akka turan kaasaniiru.
Adeemsa diinagdee haaraa hordofameen hojiirra oolmaa yeroo gabaabaatiin adeemsa guddina diijiitii lamaa galmeessineerra jedhan.
Yeroo ammaa diinagdeen keenya %9.2 guddachaa jira;bara dhufu %10.2’tti ni guddata jenneetu eegna jedhaniiru.
Galmoota dameewwan hundaan qabaman milkeessuuf kutannoon itti fufnee dameewwan qonnaan guddinni %7.9, Indaastiriin %13.2, Tajaajilaan %9.3 osoo adda hin ciccitiin ni raawwatamu jedhan.
Tattaaffiiwwan kunneen diinagdee jabaa, dorgomaafi hammataa ijaaruuf ejjennoofi dandeettii raawwachiisuu keenyaa agarsiisu jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia