Itiyoophiyaafi Gamtaan Awurooppaa Tumsa Dinagdee Cimsuuf Walii Galan
Finfinnee, Eebila 12, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaafi Gamtaan Awurooppaa walta’iinsa dinagdee tarsiimawaa isaanii cimsuuf walii galaniiru.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Komiishinara Walta’iinsa Idil-addunyaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Sikeelaa waliin marii gamlamee mari’ataniiru.
Mariin kun hariiroo tarsiimawaa gareewwan lamaan gidduu jiru caalaatti guddisuufi walta’iinsa dinagdee irratti kallattii haaraa barbaaduu kan kaayyeeffateedha.
Haaluma kanaan, fooyya’iinsa dinagdee Itoophiyaa deeggaruuf, haala investimentii caalaatti fooyyessuuf, hojiiwwan dandamannaa jijjiirama qilleensaa fi galmawwan guddina dinagdee itti fufiinsa qaban irratti waliin hojjechuuf kallattiin qabameera.
Dabalataanis, gareewwan lamaan michummaa yeroo dheeraa qaban haaressuun, walta’iinsa isaanii gara bu’aawwan qabatamaafi faayidaa dinagdee olaanaa qabanitti jijjiiruuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.
Walii galteen kun hariiroo yeroo dheeraa Itiyoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa gidduu jiru gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisuufi guddina waligalaa Itiyoophiyaaf gahee olaanaa kan qabu ta’uu odeeffannoon Ministeera Maallaqaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia