Fana: At a Speed of Life!

Faransaay fi Itiyoophiyaan tumsa qaban cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Ebla 13, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaafi Faransaay tumsa diinagdee qaban cimsuuf waliigalaniiru.

Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Walga’ii Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa Waashingitan DC’tti gaggeeffamaa jiru cinaatti anga’oota olaanoo maallaqaa Faransaay waliin mari’ataniiru.

Faayidaa tarsiimawaa hariiroon diinagdee biyyoota lameenii qabu irratti mari’ataniiru.

Kana malees tumsa misoomaa, diinagdee gooroo guddisuu fi deeggarsa idaa siqsiisuu irratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.

Qaamoleen lameen ajandaa jijjiiramaa Itiyoophiyaa deeggaruuf, invastimantii hawwachuuf akkasumas guddina waaraafi hammataa ta’e itti fufsiisuuf tumsa qaban itti cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.