Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa xiyyaarota Diriimlaayinarii 6 bituufi

Finfinnee, Ebla 13, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyaarota ammayyaa Diriimlaayinarii Booyiingi 787-9 jaha bituuf dhaabbata Booyiingi waliin waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltee Daandiin Qilleensichaa Ameerikaa Virjiiniyaatti dhaabbaticha waliin mallatteesse kun olaantummaa daandiin qilleensichaa qabu akka cimsu ragaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii irraa argame ni mul’isa.

Bittaan xiyyaarotaa kun waliinga’iinsa balalliiwwan Finfinnee irraa gara Awurooppaa, Eeshiyaa fi Ameerikaa Kaabaatti taasifaman dabaluufi mijataa gochuuf akka kaayyeffates eerameera.

Xiyyaaronni kunneen boba’aa qusachuun fi tajaajila fe’umsaan bu’aa qabeeyyii ta’uus ibsameera.

Daandiin Qilleensichaa invastimantii gurguddaa akka kanaa keessa seenuun isaa galma bara 2035’tti sadarkaa addunyaatti toora daandiiwwan qilleensaa adda duree 20 keessatti hiriiruuf qabate kan saffisiisu ta’uunis eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.