Waggoottan 8 darban hojiileen uummataafi biyya fayyadan hojjetamaniiru- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Ebla 14, 2018 (FMC) – Waggoottan 8 darban hojiileen uummataafi biyya fayyadan hojjetamaniiru jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti gaafatamaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii fi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Gamaaggamni raawwii guyyoota 100 kurmaana sadaffaafi baatiiwwan 9 darbanii bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti kan gaggeeffame yoo ta’u, gamaaggamicha ilaalchisee obbo Adam Faaraa ibsa kennaniiru.
Hojiilee waggoottan darban keessa hojjetaman keessaa tokko hojii riifoormii siyaasaa ta’uu yaadachiisanii, dirree siyaasaa bal’isuun dorgommiifi tumsi partilee gidduu jiru madaala isaa akka eegu godhameera jedhan.
Sadarkaa aanaa hanga federaalaatti hoggantoonni paartilee siyaasaa dorgomtootaa 275 ol itti gaafatamummaa garaagaraa irratti ramadamuun hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Rakkoolee biyyaalessaa baroottaniif turan furuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’ee hojiirra akka jiru kaasanii, kunis ibsituu biraa riifoormii siyaasaati jedhan.
Riifoormii diinagdeenis daldalli al-ergii sadarkaa olaanaan guddachuu eeruun, oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun bu’aa jajjabeessaan argamuu ibsaniiru.
Dameewwan hawaasummaafi barnootaan waggoottan darban keessa bu’aa olaanaan galmaa’uufi yeroo itti aanuttis badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf kutannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Abeel Niwaayiin.
#Oromia #Ethiopia