Hojiileen Bu’uuraalee misoomaa lammiilee kan giddugaleeffataniidha – Aadde Caaltuu Saanii
Finfinnee Ebla 15, 2018 (FMC) – Hojiileen bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaattii hojjetamaa jiran lammiilee kan giddugalaeeffataniifi kutaalee hawaasaa hirmaachiisaniidha jedhan Ministirri Ministeera Bu’uuraalee Misoomaa fi Magaalaa Aadde Caaltuu Saaniin.
Gamaaggamni raawwii guyyoota 100 kurmaana sadaffaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.
Aadde Caaltuu Saaniin, gamaaggamicha sababeeffachuun ibsa kennaniin, Magaaloonni qabeenya kuufamaa uumamaan qabaniin akka misoomanii fi qabeenya akka maddiisisaniif hojiileen heddu hojjetamaa jiru jedhan.
Magaaloonni giddugala diinagdee fi guddinaa ta’aa dhufuu isaaniin, tooftaan jiruuf jireenya lammiilee jijjiiramuu ibsuun, hojiileen kutaalee hawaasaa hunda hirmaachiisee hojjetamaa jiraachuu Aadde Caaltuun eeraniiru.
Hojiileen Magaalaa Finfinneetti eegalaman kutaalee biyyaattii guutuutti babal’achuu ibsuun, magaaloota 76 keessatttii hojiileen misoomaa walfakkaatoon hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru.
Magaaloonni diinagdeen akka of danda’aniif hojiilee hojjetamaniin galiin maddiisisan yeroo gara yerootti guddina agarsiisuu ibsuun, Misoomni koriidarii maqaa gaarii magaaloota jijjiiruu bira darbee jiruuf jireenyi lammiilee foyyeessaa jiraachuus kaasaniiru.
Dhaloonni dhufu kan ammaa caalaa hojii bal’aa akka hojjetuuf hojii itti gaafatamummaan nuuf kenname hojjennerraa kan jedhan Aadde Caaltuun, hojiileen bu’uuraalee misoomaa hundi lammiilee kan giddugaleeffatan ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia