Lammiileen Miiliyoonni 50 fi kumni 500 ol Kaardii Filannoo fudhatan
Finfinnee, Ebla 15, 2018 (FMC)- Filannoo Waliigala marsaa 7ffaaf lammiileen miiliyoonni 50 fi kumni 500 fi kumni 14 fi 155 Kaardii Filannoo fudhataniiru jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa.
Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatawarqi Hayiluun ibsa Miidiyaaleef kennaniin, sadarkaa biyyaalessaatti odeeffannoowwan hanga har’atti qaqqabanii fi buufataalee fillannoo addaa osoo hin dabaliin lammiileen miiliyoona 50 ol Kaardii filannoo fudhataniiru jedhan.
Buufataleen filannoo kumni 46 karaa Diijitaalaa fi qaamaan galmee filattootaa gaggeessaa turuu kaasaniiru.
Galmeen Filattootaa Guraandhala 28, 2018 irraa eegalee gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa xumuramuun ni yaadatama.
Filannoo Waliigalaa Caamsaa 24 gaggeeffamuuf hojiileen filannoo duraa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia