Fana: At a Speed of Life!

Hojjettaan guyyoota Shaniif hojiirra hafe of eeggannoo malee Hojiirra gaggeeffama

Finfinnee, Ebla 16, 2018 (FMC) – Eeyyama boqonnaa fi eeyyamoota adda addaa malee hojjetaan guyyoota shanii fi isaa oliif walitti aansee hojiirraa hafe, akeekkachiisa malee waliigaltee hojii addaan kutuun akka danda’amu hiikni seeraa kennameefira

Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa kanaan dura galmee ijibbaataa lakkoofsa 249795 irratti, hojjetaan tokko walitti fufinsaan guyyoota shaniin oliif hojii irra yoo hafe, hojjechiisaan osoo akeekkachiisa hin kenniin, waliigaltee hojii addaan kutuu akka hin dandeenye eeruun hiika seeraa kennee ture.

Haa ta’u malee, dhaddachi ijibbaataa amma hiika seeraa hojjechiisaan guyyoota tokko tokkoof akeekkachiisa osoo hin kennin hojii irra gaggeessuu hin qabu jedhu digeera.

Haaluma kanaan eeyyama boqonnaa fi eeyyamoota adda addaa malee, hojjetaan tokko guyyoota hojii shan walitti aansuun hojii irra yoo hafe akeekkachiisa barreeffamaa malee waliigaltee hojii addan kutuun ni danda’a hiika jedhuu kenneera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.