Fana: At a Speed of Life!

Gahee Geejjiba Baaburaa gara %17 guddisuun danda’ame- Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Ebla 16, 2018 (FMC)- Tattaaffii Geejjiba Baaburaa babal’isuuf taasifameen gahee damichaan jiru gara %17 guddisuun danda’ameera jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.

Dooktar Alamuun gamaaggama raawwii guyyoota 100 kurmaana saddaffaa gaggeeffame hordofee hojiilee damee geejjibaa fi Loojistiksiin hojjetamanirratti ibsa kennaniiru.

Baatiiwwan saglan darban meeshaalee fe’umsaa meetirik toonii miiliyoona 6 geejjibsisuuf karoorfamee turuu yaadachiisuun bu’uuruma kanaan raawwachuun danda’amuu dubbataniiru.

Kanaan dura gaheen baaburaa %15 hin caalle wayita ammaa %17 qaqqabuu eeruun, kunis gahee konkollattoota kan hir’iseedha jedhan.

Diinagdee jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu ijaaruuf konkolaattoonni biyya keessa galan kan anniisaa haaroomfamaa fayyadaman akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himan.

Lakkoofsa Konkolattootaa Elektirikii guddisuun dabalata konkolattoonni fe’umsaa fi deddeebisaa ummataa fayyadamoo gaazii uumamaa akka ta’aniifis hojjetamaa jira jedhan.

Baatiiwwan saglan darban hojmaata ammayyeessuun hojii hojjetameen sirnoota misoomsuun hojitti galamuu ibsuun, sochiilee fe’umsaa to’achuuf sirni hojiirra ooluu kaasaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.