Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa dameewwan lamaan badhaafame

Finfinnee, Ebla 17, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa ‘Cargo Land Excellence’ irratti dameewwan lamaan badhaafame.

Daandiin qilleensichaa sirna badhaasaa magaalaa Beeljiyeem, Liizhitti geggeeffame irratti badhaasa “Cargo Wings” injifachuun ibsameera.

Dabalataniis Daandiin qilleensichaa damee michummaa gaariinis badhaafamaa addaa ta’uun eerameera.

Badhaasichi tajaajila dhaabbatichi kennuu fi michummaa cimaa buufata xiyyaaraa Liizhi kaargoo Laand waliin qabu kan agarsiisu ta’uu Daandiin Qilleensichaa beeksiseera.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa sirna badhaasaa “Pax readership” 2026 Jarman magaalaa Haamburgitti gaggeeffame irratti dameewwan garaagaraan badhaasa sadii argachuun isaa ni yaadatama.

Sagantichi sadarkaa Afrikaatti dameewwan tajaajila nyaataa, muuxannoo gaarii waliigalaa imaltootaa fi meeshaalee tajaajila daaimmaniif dhiyaatan jedhamuun injifachuu danda’eera.

Kunis dursummaa Itiyoophiyaan damee Aveeshiniin Afrikaatti qabdu cimsuurra darbee mul’ata tarsimawaa daandii qilleensichaa 2035 kan milkeessuu ta’uun eeramuu ragaan Daandii qilleensicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.