Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Ispoortii, Barnootaa fi Leenjii Raas Haayiluu bu’uuraalee misoomaa guuttachuun tajaajila kennuu eegale

Finfinnee, Ebla 17, 2018 (FMC)- Kaantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen giddugala Ispoortii, Barnootaa fi Leenjii Raas Haayiluu bu’uuraalee misoomaa guuttatee ijaarame tajaajila eegalchiisaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, giddugalichi akkaataa dorgommiwwan idil-addunyaa keessummeessuu danda’utti sadarkaa isaa eeguun haaroomfamuufi bu’uuraalee misoomaa dabalataa guutuun gara tajaajilaatti akka seenu taasisneerra jedhan.

Giddugalichi kanaan dura eebbifamuun tajaajila eegaluus sababa rakkoo teeknikaa mudateen tajaajilli isaa addaan citee turuu Aadde Adaanech yaadachiisaniiru.

Rakkoon teeknikaa mudate akka furamuuf xiyyeeffannoo kennuun, bu’uuraaleen misoomaa sadarkaa idil-addunyaa akka dabalaman gochuun irra deebiin tajaajila kennuu akka eegalu taasifameera jedhan.

Giddugalli ispoortii ammayyaa kun, bakka bishaan daakuu olompikii sadarkaa isaa eeggate, giddagala Jiimii hundagaleessa, bakka dorgommii kubbaa saaphanaa, kubbaa harkaa, bakka dorgommii bunyaa, giddugala miidiyaa, dirreewwan teeniisii fi kubbaa miilaa, kaafteeriyaa fi suuqota, akkasumas iddoowwan boqonnaa fi bakka dhaabbii konkolaataa kan of keessaa qabu ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.