Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Mozaambiik damee Aviiyeeshiniin tumsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Ebla 19, 2018(FMC) – Abbaan Taayitaa Siiviil Aviiyeeshinii Itiyoophiyaa fi Abbaan Taayitaa Dambii Siiviil Aviiyeeshinii Moozaambiik dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Daayrekterri Olaanaan Abbaa Taayitaa Siiviil Ayiveeshiinii Itiyoophiyaa Yohaannis Abarraa fi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Abbaa Taayitaa Dambii Siiviil Ayiveeshinii Moozaambiik Imaanu’eel Hoozee Koonchee Chaaveez waliigalticha mallateessaniiru.

Itiyoophiyaa fi Mozaambiik dameewwan ogummaa Aviiyeeshiniin garaagaraan tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu isaaniitti gammaduu ibsan Yohaannis Abarraan.

Imaanu’eel Hoozee Koonchee Chaaveez gama isaaniin, hojiilee yeroo itti aanu hojjetamanii fi walga’iiwwan waloon qopheessuuf koree haala mijeessu hundeessuun barbaachisaa ta’uu dubbachuu ragaan Abbaa Taayiticharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.