Fana: At a Speed of Life!

Sagantaalee qooda tuurizimiin guddina biyyaa keessatti qabu guddisan

Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Iddoowwan gahumsa tuurizimii sagantaalee Maaddiin Shaggariif, Maaddiin Biyyaaf fi Maaddiin Dhalootaaf’iin ijaaraman qooda damichi guddina diinagdee biyyaa keessatti qabu kan guddisanidha jedhan Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan.

Salaamaawit Kaasaan Walga’ii idilee 17ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti gaaffii miseensota mana marichaa irraa dhiyaateef deebiifi ibsa kennaniin, qabeenya tuurizimii iddoowwan garaagaraatti argaman misoomsuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Mootummaan tuurizimii utubaawwan diinagdee keessaa tokko gochuun misooma iddoowwan gahumsa tuurizimii dabalatee hojiilee garaagaraa hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Keessumaa yaadama Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin pirojektoota Maaddiin Shaggariif, Maaddiin Biyyaaf fi Maaddiin Dhalootaaf’iin iddoowwan hawwataafi gahumsa tuurizimii hedduun ijaaramuu kaasaniiru.

Hojiileen kunneen qooda damichi diinagdee biyyaa keessatti bahachaa jiru kan guddisan ta’uu hubachiisaniiru.

Hirmaannaa dameen dhuunfaa qabeenya tuurizimii iddoolee garaagaraatti argaman misoomsuu keessatti qaban guddisuuf hojjetamaas jira jedhaniiru.

Dandeettii hawaasaa qindeessuun hojiin misoomsuufi sadarkaalee isaanii guddisuu kan hojjetaman ta’uu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.

Adeemsi galmee iddoowwan hawwata tuurizimii jajjabeessaa ta’uu kaasanii hanga ammaatti iddoowwan hawwata tuurizimii 800 galmaa’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.