Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaafi Giddugalli Heedaayaahi Gaanfa Afrikaatti finxaalessummaa ittisuuf mari’atan

Finfinnee, Ebla 20, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Giddugalli Heedaayaahi Gaanfa Afrikaatti dhimmoota finxaalessummaa ittisuuf dandeessisan irratti mari’ataniiru.

Eemireetota Araba Gamtoomaniitti Ergamaa Addaafi Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar wayita kana hojii Itiyoophiyaan naannawichatti nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf akkasumas finxaalessummaa ittisuuf hojjechaa jirtu irratti ibsa kennaniiru.

Hojiileen hubannoo uumuu hawaasa bu’uureffataniifi adeemsonni marii biyyaalessaa qaama ijoo ijaarsa nageenyaa ta’uu eeraniiru.

Daayrektarri Olaanaan Giddugalichaa Ahimad Al Qaasim gama isaaniin, hojiilee giddugalichi qorannoofi qo’annoowwan idil-addunyaa gaggeessuun akkasumas sagantaawwan leenjii qopheessuun finxaalessummaa ittisuurratti hojjetu ibsaniiru.

Dhiibbaafi fakkeenyummaa gaarii Itiyoophiyaan naannawichatti qabdu dinqisiifachuun Giddugalichi Itiyoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen lameen ilaalchota finxaalessummaa nageenya naannawichaa booressuu danda’an qorannoon adda baasuufi muuxannoo Giddugalichi horate Itiyoophiyaan akka itti fayyadamtuuf deeggarsa teekinikaa gochuuf waliigalaniiru.

Giddugalli teessoo isaa Abuudaabii godhate kun shororkeessummaafi finxaalessummaa karaa saayinsawaan ittisuuf bara faranjootaa 2012 kan hundaa’edha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.