Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi ijaarsa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuuf konkolaattota elektirikaa 92 hojii eegalchiise

Finfinnee, Ebla 20, 2018(FMC)- Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii ijaarsa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuuf konkolaattota elektirikaa 92 hojii eegalchiiseera.

Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Bari’oo Hasan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan yeroo dhiyoo asitti hojii konkolaattota boba’aa konkolaattota elektirikaan bakka buusuu hojjechaa jirti.

Kunis xiyyeeffannoo biyyattiin hirkattummaa boba’aa jalaa bahuufi anniisaa haaromfamaaf kennite kan agarsiisudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan qabeenya anniisaa haaromfamaa qabdu fayyadamuun faalama naannoo hir’isuufi baasii geejjibaa lammiilee qusachuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Konkolaattonni elektirikaa fe’umsa galagalchan kunneen guutummaatti ijaarsa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuuf kan oolan ta’uus ibsaniiru.

Maqdas Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.