Lammiilee Itiyoophiyaa hirkattummaarraa bilisa taasisuuf tarsiimoon bocame bu’aa buusaa jira – TKM
Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Lammiilee Itiyoophiyaa hirkattummaarraa bilisa taasisuuf tarsiimoon bocame bu’aa buusaa jira jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tarsiimoon kunis lammiilee miiliyoona hedduu hirkattummaarraa gara oomishtummaatti ceesisuu ibse.
Humna namaa guddaa baroota hedduuf bu’aa malee ture kana gara birmadummaa diinagdeetti ceesisuun bu’uura amansiisaa taasisuun cimee itti fufa jedhe.
Bu’aaleen imaammataa kunneen Itiyoophiyaa wabii nyaataan of dandeesse dhugoomsuun seenaa adeemsa saffisaarra jiruudha.
Ergaan guddaan milkaa’inni Itiyoophiyaa kun hawaasa addunyaaf dabarsu biyyi keenya imaammata mataa ishee fi carraaqqii ijoollee isheetiin adeemsa seenaa ishee jijjiiraa jiraachuudha.
Seenaan hirkattummaa gara injifannootti jijjiiramuun imala badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessaa jiraachuu hime.
#Oromia #Ethiopia