Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannawaa fi Idil addunyaarratti hojiilee faayidaa biyyaalessaa kabachiisan hojjechaa jirti- MDhA

Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannawaa fi Idil Addunyaarratti hojiilee faayidaa biyyaalessaa kabachiisaniifi dippiloomaasii cimaa hojjechaa jirti jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.

Dubbi Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo dhimmoota waktaawaarratti ibsa kennaniin, torbanoota darban Dureewwan Burundii, Laayibeeriya, Moozaambiik fi Sudaan Kibbaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuu kaasaniiru.

Hoggantoonni kunneen daawwannaa isaanii cinatti Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin marii bu’aa qabeessaa fi hariiroo biyyoota gidduu jiru caalmaatti cimsuuf waliigaluu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan hubannoo namtolcheen dameewwan qonnaa, Tuurizimii, Asharaa Magariisaa fi dameewwan biroon guddina olaanaa galmeessifteen muuxanoo qooduu fi walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteewwan gamlamee mallatteesuus himaniiru.

Dabalataniis Ministiroonni Dhimma Alaa Porchuugaal fi Baangilaadesh akkasumas Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Chaayinaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuu dubbataniiru.

Kanaanis Itiyoophiyaan ejjennoo naanawichaa fi sadarkaa Idil Addunyaatti qabdu sirnaan hubachiisuu dandeessetti jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.