Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa mallattoo ijaarsa biyyaa fi qarooma aviyeeshinii Afrikaati – Hoggantoota ol’aanoo

Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa gahee ijaarsa biyyaa keessatti qabuun biyya boonsuu bira dabree, mallattoo qarooma aviyeeshinii Afrikaati jedhan hoggantoonni mootummaa ol’aanoon.

Ayyaaneffannaa waggaa 80ffaa hundeeffama Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa ilaalchisee, waltajjiin muuxannoo wal jijjiirraa maamiltootaa fi michootaa gaggeeffamaa jira.

Sagantaa kana irratti Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, Ministirri Karooraa fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa, Bulchaan Baankii Biyyaaleessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny akkasumas keessummoonni afeeraman argamaniiru.

Waltajjii kana irratti tajaajila daandii qilleensichaa ilaalchisee mariin paanaalii hoggantoota mootummaa ol’aanoon gaggeeffameera.

Obbo Ahimad Shidee wayita kana akka jedhanitti, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa dhaabbata daldala mootummaa guddaa bu’aa ol’aanaa galmeessisuu fi waggoota dheeraaf milkaa’ina isaa itti fufsiisuu danda’eedha.

Daandichi ijaarsa biyya Itiyoophiyaatiif akkasumas guddina siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti dhaabbata gumaacha guddaa qabudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota biroo waliin hariiroo dippilomaasii qabduu fi walitti dhufeenya biyya keessaa cimsuu keessatti gumaacha guddaa gumaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Dooktar Fitsum Asaffaa gama isaaniitiin, daandiin qilleensichaa boonsituu biyyaa fi ibsituu eenyummaa hunduu ta’uu ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane Afrikaaf agarsiiftuu dhaabbataa dandeettii fi qarooma damee kanaan argamee, akkasums dandeettii Itoophiyaan waan yaadde hunda galmaan ga’uuf qabdu kan mul’isudha jedhaniiru.

Gumaacha tajaajila al-ergii (export) keessatti qabu eeruun, daldala saffisiisuu fi carraa hojii uumuu keessatti gahee ol’aanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa dandeettii bu’uura misooma loojistiksii guddaa ijaaruu isaa ibsuun, daldala al-ergiis ta’e dippilomaasiif dhaabbata gahee guddaa qabuudha kan jedhan ammoo Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny.

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa dhaabbata boonsaa boruu har’a ijaaramaa jiru ta’uu dubbachuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.