Chaayinaan daldala biyyoota Afrikaa 53 waliin geggeessitu taaksii irraa bilisa taasiste
Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Chaayinaan biyyoota 53 michoota dippilomaasii koo jettee amantu waliin daldala geggeessitu taaksiirraa bilisa taasisteetti.
Chaayinaan kanaan dura biyyoota guddachaa jiran 33f poolisii daldalaa taaksii malee hojiirra oolchaa kan turte yoo ta’u, akka lakkoofsa Awurooppaatti Guraandhala 1 irraa eegalee hanga Ebla 30, 2028tti biyyoonni dabalataa 20 daldala taariifa malee akka fayyadaman murteessiteetti.
Murteen kun Chaayinaan biyyoota Afrikaa waliin hariiroo daldalaa qabdu guddisuufi diinagdee Afrikaa tilmaamamaa fi tasgabbaa’aa taasisuu kan kaayyeffate dha jedhameera.
Akka gabaasa CGTNtti, daldalli fi tumsi biroon Chaayinaan bu’aa waliinii irratti hundaa’uun Afrikaa waliin ijaarte diinagdee Afrikaa fi guddina Chaayinaa irratti jijjiirama gaarii fidaa jira.
Innisheetiivonni Chaayinaa sirna daldala addunyaa qorumsa keessa jiru keessatti loogii biyyoota Afrikaa mudatu ittisuun, rakkollee misoomaa hiikuu keessatti gahee olaanaa taphachaa akka jiran ibsameera.
Keessattuu biyyoonni tokko tokko biyyoota guddachaa jiran kanneen Afrikaa fi Eshiyaa irratti kophaatti taariifa ol’aanaa kaa’uun isaanii diinagdeen biyyoota sanaa akka hin tasgabboofne kan taasisan yoo ta’u, Chaayinaan garuu faallaa kanaan hariiroo daldala Afrikaa waliin qabdu taariifa malee taasifteetti.
Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2025tti hariiroon daldalaa Chaayinaa fi Afrikaa doolaara biiliyoona 300 fi biliyoona 48 kan gahe yoo ta’u, waggoota darban waliin yoo madaalamu % 17.7’n guddinanagarsiiseera.
Kanaanis Chaayinaan yeroo ammaa biyyoota addunyaa biroo caalaa michuu daldalaa Afrikaa sadarkaa jalqabaa ta’uun, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa ol’aanaa fi tumsa diinagdee taasisaa jirti.
Chaayinaan mirgaa fi bu’aa biyyoota Afrikaa kabachiisuuf tumsa “Kibba gara Kibbaatti” jedhamuun, akkasumas fooramii tumsaa Chaayinaa fi Afrikaatiin (FOCAC) waliin hojjechaa jirti.
Mikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia