Dhaabbileen hoggansa cimaa qaban dorgomaa cimaa ta’u- Dooktar Iyyoob Takkaalinyi
Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Dhaabbileen hoggansaa fi bulchiinsa cimaa qaban sodaa maksuun dorgomaa cimaa ta’u jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi.
Waltajjiin bulchiinsa Korporeeshinii fi Hoggansa irratti mari’atu Waldaa Aksiyoonaa Giddugala Ogummaa Faayinaansii Kaappitaaliin qophaa’e gaggeeffamaa jira.
Hoggantoonni, Pireezidaantoonnii fi Hoggansi boordiwwan Baankii Biyyaalessaa, Baankilee fi dhaabbilee Inshuraansii waltajjicharratti argamaniiru.
Dhaabbileen milkaa’ina guddina biyyaaf murteessoo waan ta’aniif hoggansa cimaa qabaachuu qabu jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi waltajjicharratti erga dabarsaniin.
Biyya fakkeenyummaa qabdu ijaarsuuf dhaabbileen Faayinaansii shoora olaanaa qabaachuu kaasan.
Waltajjichi tasgabbii sirna faayinaansii, dorgomtummaa, fayyaalessummaa fi bu’aa qabeessummaaf gumaacha qabaachuu dubbatan.
#Oromia #Ethiopia