Piroojektii kabaja namooma jiraattootaa bu’ureeffate…
Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) – Paarkiin Araada pirojektii kabaja namoomaa jiraattotaaf dursa kennudha jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Paarkiin Araadaa guyyaa kaleessaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’eera.
Paarkiin Araadaa lafa Hektaara 40 kan uwwiseedha.
Paarkichi bifa magaalaa Finfinnee caalmaatti hawwataa taasisuurra darbee lammiilee kana dura waggootaaf dagatamanii turan kabaja namoomaa kan goonfachiiseedha jedhan kantibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ergaa saganticharratti dabarsaniin.
Naannawaan Birbirsa Gooroo kana dura kabaja lammiilee Itiyoophiyaa kan hin madaalle, hiyyummaan daran cimaa ta’e kan keessa ture, hanqina qulqullinaa hamaa kan qabu, lammiileen hedduun mana jireenyaa daraan sadarkaa gadii keessatti ukkaamamanii jireenya gadadoo iddoo jiraachaa turan ta’uu ibsan.
Kaayyoo guddaan misoomichaa namummaa ta’uu isaan mootummaan jiraattootaaf dursa kennuun lammiilee naannawaa kanaa ka’an kuma 2 ol ta’aniif naannawaa Laaftootti manneen jireenyaa sadarkaa isaa eeggate kennuufii dubbatan.
Ijaarsi Paarkii Araadaa fayyadamummaa waloo giddugaleeffachuun kan hojjetame yoo ta’u, maanguddoota, dubartootaa, dargaggootaa fi daa’immaan akkaataa hammateen tajaajila hundagaleessa kenna jedhan.
#Oromia #Ethiopia