Tasgabbii fi Nageenya Indaastirii mirkaneessuuf mirga hojjetaa kabajuun murteessadha – Kaasahuun Foollee
Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) – Guyyaan Hojjettootaa mata duree “mirgi hojjetaa kabajamuun nageenyaafi oomishtummaa Indaastariif bu’uura” jedhuun Finfinneetti Kabajameera.
Oomishtummaa guddisuu, akkasuma tasgabbii fi nageenya Indaastirii mirkaneessuuf mirga hojjetaa kabajuun murteessadha jedhan Pireezidaantiin Konfedereeshinii Waldaa Hojjettoota Itiyoophiyaa Kaasahuun Foolleen.
Kanaafis hojjettootaaf naannawaa mijataan uumuun barbaachisaa ta’uu eeran.
Guyyaan hojjettootaa har’a sadarkaa Idil Addunyaatti yeroo 137ffaa fi akka Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 51ffaaf mata duree ‘ mirga hojjetaa kabajuun nageenyaa fi oomishtummaa Indaastiriif bu’uura’ jedhuun kabajamaa jira.
Mirgi hojjetaa Itiyoophiyaa keessatti akka kabajamuuf mootummaan hojiiwwan gurguddoo hojjetaa turuu kaasanii, mirgi gurmmaa’uufi mari’achuu hojjetaa Itiyoophiyaa hojiirra akka ooluuf mootummaan tumsuu akka qabu kaasan.
Hebroon Waaltaawuun
#Oromia #Ethiopia