Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin idil-addunyaa qorannoo bunaa gaggeeffamaa Jira

Finfinnee, Eebla 24, 2018 (FMC) – Yaa’iin idil-addunyaa qorannoo bunaa mata-duree “Maasii irraa hanga gabaa idil-addunyaatti” jedhuun Yuunivarsiitii Boongaatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ii kana irratti hojiileen qorannoo adda addaa kan dhiyaatan yoo ta’u, kunis hojimaata cimaa fi itti-fufiinsa qabu kan damee bunaa fooyyessu hojiirra oolchuuf kan gargaaru ta’uun himameera.

Preezdaantiin Yuunivarsiitii Boongaa Dooktar Daggalaa Eergannoo yeroo kanatti akka jedhanitti, yaa’ichi walitti-dhufeenya idil-addunyaa kan uumuu fi yaada oomishtummaa dabalu kan dhiyeessuudha.

Gama biraatiin, Hoji-raawwachiisaan Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Ministeera Barnootaa Dooktar Saraawiit Haandisoo, gabaa bunaa Itoophiyaa fooyyessuuf qorannoowwan gara hojiitti hiikamuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Yaa’ichi boru xumurama.

Amdawarqi Shibaabbaawutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.