Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaa Idil-addunyaatiin Rakkoon Qaala’iinsa Jireenyaa Akka Hin Hammaanne Xiyyeeffannoon Hojjetamaa Jira – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Eebla 30, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti sababa dhiibbaa idil-addunyaatiin rakkoon qaala’iinsa jireenyaa akka hin hammaanne xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Aadde Adaanech yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Magaalichaa irratti, gaaffilee miseensota irraa dhimma tasgabbii gabaa fi qaala’iinsa jireenyaa ilaalchisee ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa salphisuuf dhiyeessii oomishaa dabaluu fi fuuncaa daldalaa gabaabsuuf hojiiwwan adda addaa raawwatamuus wayita kana ibsaniiru.

Rakkoon qaala’iinsa jireenyaa Itoophiyaa qofa keessatti kan uumame akka hin taane hubatamuun akka barbaachisu ibsuun, rakkoon kun haala biyya keessaa qofaan kan daangeffame akka hin taane hubachiisaniiru.

Rakkoo kana hiikuuf dhiyeessii oomisha biyya keessaa dabaluu fi meeshaalee alaa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Magaalicha keessatti hojii hordoffii fi to’annoo geggeeffameen bu’aan jajjabeessaan argamuu kaasanii, daldaltoota kuma18 fi 400 hojii seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu dubbataniiru.

Korpooreeshinii daldalaa hundeessuu fi deeggaruun oomishni uumataaf dhiyaatee gatii madaalawaan oomisha barbaadu akka argatu ta’eera jedhan.

Mootummaan tasgabbii gabaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachuu akka itti fufu ibsuu isaaniis odeeffannoon Waajjira Kantiibaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.