Gaazexeessitoonni akkaataa itti ogummaa fi seera hordofan beekuu qabu – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Eebla 30, 2018 (FMC) – Gaazexeessitoonni ogummaa fi seera biyyaa akkamitti hordofan beekuu qabu jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Waltajjiin marii mata-duree “Milkaa’ina Miidiyaa Ijaarsa seenessaaf”jedhuun milkaa’ina damee miidiyaa fi dhaabbilee keessatti galmaa’an irratti xiyyeeffate bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy, waltajjicharratti yaada damee miidiyaa fi dhaabbilee ilaalchisee qaban hirmaattotaaf qoodaniiru.
Jijjiiramaa asi bilisummaa yaadaa dhaabbilee miidiyaa mirkaneessuuf gaazexeessitoonni sababa ogummaa isaaniin hidhamanii turan akka hiikaman taasifamuu yaadachiisaniiru.
Bilisummaa miidiyaa mirkaneessuuf miidiyaaleen cufamanii turan akka banaman, miidiyaaleen fi gaazexeessitoonni dhorkamanii turan gara biyyaatti akka deebi’an fi seeronni ukkaamsitoota ta’an akka fooyya’an taasifamuu eeraniiru.
Mootummaan jijjiiramaa damee miidiyaa keessatti tarkaanfiiwwan jajjabeessaa fudhatus, gaazexeessitoonni bilisummaa kennameef haalaan bulchuu dhabuu isaaniin rakkooleen adda addaa uumamuu ibsaniiru.
Erga miidiyaan banaa ta’ee asi dhaabbilee fi gaazexeessitoonni salphaatti gara indaastirii kanaatti seenuu irratti rakkoon isaan mudate jiraachuu eeruun; gaazexeessitoonni ogummaa isaanii fi seera akkamitti hordofuu akka qaban beekuu qabu jedhaniiru.
Mikiyaas Ayyalaan
#Oromia #Ethiopia