Kurneewwan sadan darban imala seena-qabeessa, akkasumas boqonnaa irbuun saba keenyaa ititee itti tikfameedha – Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Caamsaa 1, 2018 (FMC) – Kurneewwan sadan darban imala seena-qabeessa, akkasumas boqonnaa irbuun saba keenyaa ititee itti tikfameedha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Guyyaan Hundeeffama Biiroo Barnoota Oromiyaa Waggaa 33ffaan magaalaa Bishooftuutti kabajameera.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
𝐈𝐣𝐚𝐚𝐫𝐬𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚: 𝐈𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐠𝐠𝐨𝐨𝐭𝐚 𝟑𝟑
Maatiifi qooddattoonni barnoota Oromiyaa marti, baga gammaddan! Baga gammanne!
Kurneewwan sadan darban imala seena-qabeessa, akkasumas boqonnaa irbuun saba keenyaa ititee itti tikfameedha. Barnoonni hawaasa tokkoof tajaajila mootummaa qofa miti; utubaa caasawaa-olaanaa (superstructure) dammaqiinsi, kabajnifi eenyummaan saba tokkoo ittiin ijaaramuudha.
Warri nugabroomsuu barbaadan dursa qabeenya keenya osoo hintaane, sammuufi dammaqiinsa keenya too’achuu irratti hojjechaa turan. Sababiin isaas, ummanni barateefi sammuun isaa bilisome salphatti hingabroomu. Kanaaf, qabsoon gama barnootaatiin taasisaa ture, qabsoo kutaa galanii barachuu qofa hinturre. Imala yaaduu danda’uufi ofta’uu ture.
Imala carraa barnootaa argachuun, akkasumas afaan ofiitiin barachuun gaaffii siyaasaa adda duree itti ta’e xumurree, har’a dhaloota mil. 12.4 ta’u manneen barnootaa keessatti saayinsiifi teknoolojiin addunyaa waliin dorgomuuf qopheessaa jirra. Kun guddina dhaabbata tokkoo osoo hintaane, kutannoo ummanni keenya bilisummaa sammuu goonfachuuf qabu kan agarsiisudha.
Ce’umsa kana duuba humna riphaa, garuu murteessaa tokkotu jira: barsiisota keenya. Barsiisonni keenya kaffaltii gahaa malee, bishaaniifi bineensaan nyaatamaa, roobafi aduu osoo hin nuffiin, gammoojjiifi baddaa Oromiyaatti dambali’uun dhaloota qartanii asiin geessan oolmaa keessan gonkumaa hinirraanfannu. Isin warra duula bilisummaa ummata keenyaf dursee dhaloota hidhachiisedha. Wareegamni keessan ijaarama Oromiyaa har’a argaa jirtan kana. Galanni keessanis injifannoofi ifa har’a sabni keenya gonfateedha.
Gulantaan qabsoo barnootaa keenya guddachaa dhufeera. Har’a dorgommiin keenya ogummaafi kalaqaan addunyaa injifachuudha. Gulantaaqabsoo kanaaf qaamoleen afur adda durummaan socho’uu qabu:
1. Barsiisonni yeroo mara of-haaromsuun dhaloota dorgomaa qopheessuu irratti gahee keessan bahachuu qabdu.
2. Maatiin barnoonni mana barnootaatti akka hindhumne hubachuun, fayyaa, nyaataafi barnoota ijoollee keessanii daran hordofuu qabdu.
3. Barattoonni keenya ofitti amanamummaafi qorannoon addunyaa injifachuuf qophaa’uu qabdu.
4. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, caasaan gulantaan jiru dhimma barnootaa tumsuu qaba.
5. Dabalataaniis, miidiyaan (OBN) keessumaa OBN Gaammeen mala hawwataafi saayinsawaa ta’een (cartoon film dabalatee) sammuu ijoollee ijaaruu, bilchina miiraafi kalaqa goonfachiisuu, akkasumas safuu hawaasaa hubachiisuu qabdu.
Dhumarrattis, Prof. Birhaanuu Naggaa, Ministirri Ministeera Barnootaa, sirna kanarratti argamuun nuwaliin injifannoo kana ayyaaneffachuu isaanitiif maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.
Barnoonni bu’uura bilisummaafi badhaadhina keenyaati! Baga ittiin isin gahe.