Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi baatiwwan kurnan darban keessa galii Birrii biiliyoona 600 ol walitti qabe

Finfinnee, Caamsaa 4, 2018(FMC) – Komishiniin Gumrukaa baatiwwan kurnan darban keessa galii Birrii biiliyoona 600 fi miiliyoona 200 ol walitti qabe jedhe.

Dhaabbatichi karoora qabate % 102 raawwachuu Komishinarri Komishinii Gumrukaa Dooktar Dabalee Qaabataan ibsaniiru.

Kanaanis baatiwwan kurnan darban keessa Birrii biiliyoona 600 fi miiliyoonaa 200 fi miiliyoona 33 walitti qabuu himan.

Hojiileen riifoormii gaggeeffame milka’ina argame keessatti qooda olaanaa bahachuu eeran.

Galiin walitti qabames kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 56 caalmaa qabaachuu kaasan.

Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 28.7 biyyi sababa waliin dhahuun dhabuuf turte baraaruun gara galiitti jijjiiruun danda’amuu dubbatan.

Yakka waliin dhahuu kanaan walqabatee shakkamtoonni kumni 1 fi 295 to’annoo seeraa jala ooluu eeran.

Ashannaafii Shibbiruutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.