Fana: At a Speed of Life!

Du’aan boqochuu obbo Zagayyee Asfaaw hordofee Dooktar Abiy Ahimad ergaa gaddaa dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 4, 2018(FMC) – Du’aan boqochuu obbo Zagayyee Asfaaw hordofee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa gaddaa dabarsaniiru.

Obbo Zagayyee Asfaaw lubbuudhaan boqochuusaaniitti gaddi guddaan natti dhagahame jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Obbo Zagayyee Asfaaw lafti qonnaan bultoonni Itiyoophiyaa garmalee saamaman akka deebi’uufiifi haalli lafti ittiin bulfamu akka jijjiiramu nama shoora addaduree bahanidha.

Yeroowwan addaddaatti ministirummaadhaan biyyasaanii tajaajilaniiru.

Kana malees umuriisaanii gara boodanaatti Komiishinii Marii Biyyaalessaa rakkoowwan biyya keenyaa bulan mariidhaan hiikuuf hundaa’e keessatti Komiishinarummaadhaan tajaajilaa kan turaniifi, abbaa jabaa bara jireenyasaanii guutuu namoota harka qal’eeyyii deeggaruudhaan biyyasaanii tajaajilaa turanidha jechuun ibsan.

Nagaan akka boqotanin hawwaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.