Fana: At a Speed of Life!

Hubannoo Namtolchee Nageenya saayibarii cimsuuf…

Finfinnee, Caamsaa 4, 2018(FMC) – Yeroo ammaa Hubannoon Namtolchee jireenya dhala namaa salphisuu qofa osoo hin taane yaaddoo nageenya saayibarii bifa jijjiiraa jira.

Addunyaan karaa Hubannoo Namtolcheen ce’umsa teeknooloojii saffisaa keessatti argamti.

Hubannoon namtolchee haleellaan saayibarii osoo hin qaqqabin dursanii to’achuu fi adda baasuuf meeshaa amansiisaa ta’ee tajaajilaa jira.

Haleellawwan gahuu malan dursee xinxaaluun balaa gahuu danda’u dursee fashaleessa.

Gama biroon ammoo qaamolee haleellaa qaqqabsisaniif saffisa haleellaa isaanii dabaluu fi walxaxummaa isaanii guddisuun balaa cimaa ta’aa jira.

Akka ragaan xinxaala Giddu-galli Nageenya Saayibarii Biriitaaniyaa baase mul’isutti,itti fayyadamni Hubannoo Namtolchee bara 2027tti baay’inaafi qulqullina haleellaa saayibarii haalaan dabala.

Kunis nageenyii fi sodaan haleellaa saayibarii yeroo kamiiyyuu caalaa walxaxaa akka ta’u agarsiisa.

Itiyoophiyaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 hojiirra oolchichaa yeroo jirtutti, milkaa’ina isheef Hubannoo Namtolchee (AI) fayyadamuun murteessaa ta’a.

Milkaa’inni kunis kan mirkanaa’u, haleellawwan Saayibarii bu’uraalee misooma Faayinaansii, Teeleekominikeeshinii fi kanneen biroorratti aggaamaman qolachuuf qophummaan duraa yoo jiraateedha.

Kanaafis dhaabbileen haleellaa saayibarii hubannoo namtolcheen deeggarame qolachuuf hubannoo namtolchee akka meeshaa ittisaatti fayyadamuutu irra jiraata.

Dhaabbileen hanqina nageenyaa dursanii qorachuu fi cufuu, akkasumas sirna teeknooloojii kamiyyuu yeroo hojiirra oolchan seera nageenyaaf dursa kennu hordofuu cimsuu dhimma ijoo taasisuu qabu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.