Hariiroon Itiyoophiyaafi Faransaay cimee itti fufa- TKM
Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Hariiroon Itiyoophiyaafi Faransaay cimee itti fufa jedhe Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilichi ibsa baaseen, hariiroon biyyoota lameenii waggoottan 125 ol lakkoofsisuu yaadachiisuun, bu’uura seenaa cimaa irratti ijaaramuun guddachaa akka dhufe ibseera.
Michummaan seena qabeessi kun jijjiirama siyaasaa Itiyoophiyaa booda cimee itti fufuufi biyyoonni lameen hariiroo isaanii gara tumsa tarsiimawaatti guddisuu eereera.
Daawwannaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Onkoloolessa 2011 Faransaayitti taasisan hordofee Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon baatiiwwan shan keessatti Itiyoophiyaa daawwachuun hariiroon gamlamee biyyoottan lameenii gara boqonnaa haaraatti ceesisuu kaaseera.
Yeroo ammaa tumsi gama maraa biyyoota lameenii dameewwan daldalaa, invastimantii, bu’uuraalee misoomaa, aadaafi saayinsiin sadarkaa olaanaan guddachaa dhufuu eereera.
Hirmaannaan dhaabbileen Faransaay Itiyoophiyaatti taasisan guddachaa akka jiru eeruun, hariiroon diinagdee waliigalaa biyyoota lameenii Doolaara biiliyoona 2.1 irra gahuufi dhaabbileen biyyattii dameewwan anniisaa haaromfamaafi aviyeeshinii irratti fedhii guddaa qabaachuu ibseera.
Ejensiin Misoomaa Faransaay Finfinneefi Dirre Dhawaatti pirojektoota misoomaa waaraa hojiirra oolchaa jiraachuu yaadachiisuun, dhaabbileen biyyattii 60 ol damee invastimantiin Itiyoophiyaatti bobba’aniiru jedhe.
Hariiroo barnootaafi aadaanis hariiroon uummata biyyoota lameenii guddachaa jiraachuu ibseera.
Faransaay biyyoota barbaachisummaa gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf beekamtii kennan keessaa tokko ta’uu eeruun, adeemsi isaa mariifi karaa nagaan furmaata akka argatu deeggarsaafi ejjennoo qabdu agarsiisuu ibseera.
#Oromia #Ethiopia