Fana: At a Speed of Life!

Piriimeer Liigii Itiyoophiyaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu

Finfinnee, Caamsaa 6, 2018(FMC) – Taphoota CBE Piriimiyeer liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 32ffaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.

Waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Buna Sidaamaa Istaadiyeemii Finfinneeetti Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin taphata.

Sa’aatii 12:00 jalqabee morkiin Machaal Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Nageellee Arsii waliin taasisu ni eegama.

Kilaboonni kunneen sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti kan argaman waan ta’aniif falmiin taasisin ni eegama.

Bunni Sidaamaa taphoota lamaan darban injifatameera.

Machaal taphoota lamaan darban qixa baheera.

Nageellee Arsiin ammoo taphoota lamaan darban injifateera.

Taphoota biroon Midira Gannat Shireen sa’aatii 9:00 Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Buna Itiyoophiyaa, Walaayittaa Diichaan Istaadiyeemii Finfinneeetti sa’aatii 10:00 irraa eegale Qidduus Giyoorgis waliin morkata.

Taphoota hanga torbee 31ffaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 55’n liigicha yoo dursu, Nageelleen qabxii 51’n sadarkaa 2ffaa fi Machaal qabxii 49’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.