Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwaalchaa obbo Zagayyee Asfaaw har’a raawwata

Finfinnee, Caamsaa 6, 2018(FMC) – Sirni awwaalchaa obbo Zagayyee har’a Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatederaalii Qulqulluu Sillaaseetti raawwata.

Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessa Itiyoophiyaa Obbo Zagayyee Asfaawu dhibee isaan muudateen Caamsaa 3, 2018 dhalatanii umrii waggaa 84ffaa isaanitti addunyaa kanarraa du’aan boqochuun kan yaadatamuu.

Sirni awwaalcha isaanii har’a sa’aatii 6:00 irratti Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatederaalii qulqulluu Sillaaseetti raawwatama.

Obbo Zagayyeen qonnaan bultoonni mirgi abbaa qabiyyummaa lafaa isaanii mulqame akka deebi’u qabsaa’uu qofa osoo hintaane, labsiifi haala raawwii isaas nama adda durummaan hoggananiidha.

Mirgi abbaa biyyummaa ummattootaa, imalli ijaarsa dimookiraasiifi haqni lammiilee akka mirkanaa’au jaallewwan isaanii waliin qabsaa’aniiru.

Obbo Zagayyeen bara 1968 – 1970 fi 1983 – 1984tti Ministeera Qonnaatti Ministirummaan tajaajilaniiru.

Hanga lubbuun boqotan kanatti ammo Komiishinara Komiishinii Marii Biyyaalessaa ta’uun biyya isaanii tajaajilaa turan.

Obbo Zagayyeen abbaa ijoollee sadii yoo ta’an, dhala dhala isaanii arguu ragaaleen ni mul’isu.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.