Hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii mirkaneeffachuuf morkii Astoon Viilaa fi Liiverpuul gidduutti taasisamu
Finfinnee, Caamsaa 7, 2018(FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 37ffaan taphni har’a Astoon Viilaan Liiverpuul keessummeessu ni eegama.
Kilaboonni lamaan qabxii 59 walqixa qabaachuun galchiin walcaalanii sadarkaa 4ffaa fi 5ffaa irratti argamu.
Kilaboonni lamaan hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii mirkaneeffachuuf morkiin har’a halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Istaadiyeemii Viilaa Paarkiitti taasisan akkaan eegama.
Hirmaannaa Shaampiyoonaa mirkaneeffachuuf tapha har’aa injifachuun kilaboota lamaaniifuu gahaadha.
Taphoota as dhiyeenya waliin taphatan 5 keessaa Liiverpuul si’a 3 injifachuun, lama ammoo qixa bahaniiru.
#Oromia #Ethiopia