Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Paartilee Siyaasaa waliin mari’ate

Finfinnee, Caamsaa 7, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa yeroo ammaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa irratti Paartilee Siyaasaa waliin mari’ateera.

Walitti qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Hayiluu wayita kana, kaayyoo ijoon marichaa qophii Paartileen Siyaasaa taasisan keessatti rakkoolee isaan mudatan irratti mari’achuun kallattii furmaataa kaa’uu akka ta’e ibsan.

Dabalataanis guyyoottan muraasa guyyaa sagalee kennuuf hafan keessatti eenyurraa maaltu eegama kan jedhurratti mari’achuuf ta’uu dubbataniiru.

Boordichi Paartilee Siyaasaa waliin qaamaan wal arguun mari’achuurra darbee filmaatawwan diijitaalaa fayyadamuun waljijjiirraa odeeffannoo saffisiisuuf kan hojjetu ta’uu ibsuusaanii ragaan Boordicharraa argame ni mul’isa.

Paartileen maricharratti hirmaatanis maallaqni duula nafiladhaaf ramadame hanqina qabaachuu, haala nageenyaa iddoowwan muraasaa, danbii kabajuu dhabuu caasaa mootummaa gara gadii, guyyaan sagalee kennuu haa dheeratuufi yaadota biroo Boordichaaf dhiyeessaniiru.

Walitti qabduun Boordichaa deebii kennaniin rakkoolee isaan mudatan furuufi gaafatamummaa mirkaneessuuf paartileen siyaasaa komii isaanii ragaan deeggaranii akka dhiyeessan hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.