Fana: At a Speed of Life!

Indaastirii amansiisaa ijaaruuf qofaa osoo hin taane qindoominaan hojjechuun barbaachiisadha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 8, 2018 (FMC) – Indaastirii amansiisaa ijaaruuf qofaa osoo hin taane qindoominaan hojjechuun barbaachiisaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Paarkii Indaastirii Galaan Guuraa boqonnaa jalqabaa wayita eebbisiisan haasawa taasisaniin,Indaastiriiwwan wayita hundeeffaman jiraattoota naannawichaa fayyaduu qabu jedhan.

Dargaggoonni daldala xixiqqaa fi giddu-galeessaan gurmaa’anii paarkichatti hojii eegalan waggoota muraasa dura hojii akka hin qabne yaadachiisanii, amma garuu wayita namoota biroo qacaranii hojjechiisan arguun gammachuu uuma jedhan.

Paarkiin Indaastirii kun madda oomishtoota Indaastirii Itiyoophiyaa akka ta’uu ibsuun, naannooleen hundi Paarkii kanarraa baruumsa fudhachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Paarkii indaastirichaa keessatti paampiin hojii qonnaaf oolu, maashinni warqee itti oomishan, warshaan nyaata loonii itti qindeesanii fi maashinii oomisha bilookeetti kan oomishaman ta’uu eeraniiru.

Dargaggoota warshaa oomishuu danda’aniif deeggarsi taasifamu barbaachiisa ta’uu ibsuun, deeggarsi giddugaleessi taasifameef kun bu’aa kana argamsiiseera jedhan.

Kanaan dura oomishtoonni biyya alaa Paarkii Indaastirii Hawaasaa keessatti bobba’anii turan, yeroo rakkoon ‘Agowa’ mudate dhiisanii deemuu hordofee %80 ol banaa ta’ee hafuu yaadachiisaniiru.

Oomishtoonni biyya alaa irra dhufan waan fudhatan fudhatanii kan deeman ta’uu eeranii, indaastiriiwwan keenya keessatti namoota biyya keenyaatiin akka hojjetamu taasisuun barbaachiisaa ta’uu dubbataniiru.

Hayimaariaam Taganyiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.