Fana: At a Speed of Life!

Paartiin badhaadhinaa biyya hundaaf miijattu ijaaraa jira – Aadde Sa’aadaa Abdurramaan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2018(FMC) – Paartiin Badhaadhinaa cabiinsawwan turan furuun biyya hundaaf taatu ijaaruuf cimee hojjetaa jira jedhan Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurramaan.

Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Kooyyee Facceetti filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisuun hiriirri deggersa uummataa Paartii Badhaadhinaa geggeeffameera.

Sagantaa kana irratti kan argaman Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurramaan akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan kaleessa cabiinsa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa keessa turteetti; paartiin Badhaadhinaa ammoo biyya qarqara kufaatii irra turte ogganuun cabiinsawwan ishee suphee gara biyya badhaatuufi hundaaf miijattutti ceesisaa jira.

Bu’aa qabsoo uummataa kan ta’e Badhadhinni waggaa waggaan injifannoowwan dam-hedduu galmeessisaa akka jirus kaasan.

Jijjiiramni paartichaan dhufe jalqabumma irraa abbaa biyyummaa, hirmaannaa fi fayyadamummaa uummatoota biyyattii walqixa ta’e mirkaneessuun eegaluu ibsan.

Haaluma kanaan gama dinagdeen bu’aaleen galmaa’aa jiran biyyattii hirkattuummaa gargaarsaa irraa gara biyya qamadii biyya alaatti ergituutti ceesiseeruu, dameewwan dinagdee akka tuurizimii fi kanneen biroon jijjiiramni qabatqmaan dhufuu akka fakkeenyaatti kaasuun hubachiisan.

Paartichi Itiyoophiyaan fakkeenya badhaadhinaa biyyoota Afrikaa akka taatuuf pirojeektota misoomaa gurguddoo ijaaraa jiru milkeessuun waadaa uummataaf gale qabatamaan mirkaneessuus dubbatan.

Pirojeektoota milkeessuu keessatti ashaaraan uummatoota biyyattii qooda guddaa akka qabu kan eeran aadde Sa’aadaan, kanaafis Hidha Hawromsaa Guddicha biyyattii gara olkaa’iinsa badhaadhinaatti geessa jedhamee abdatame akka ragaa qabatamaatti dhiyeessan.

Hirmaannaan hawaasaa kun milkaa’ina pirojeektota eegalamniinfi karoorfamanii jiranii keessattis jabaatee mul’ata guddinaa biyyattiin qabattee imalaa jirtu akka dhugoomsuuf filannoo marsaa 7ffaa kana irrattis sagalee isaa kennuun aantummaa paartichaaf qabu irra deebiin akka mirkaneessu waamicha dhiyeessaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.