Hojiiwwan Nageenyaa fi Misooma waloo Fayyadamummaa Hawaasaa Guddisuuf Naaannoolee sadaniin Hojjetamaa jiran…
Finfinnee, Caamsaa 9, 2018 (FMC) – Tumsa naannolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz fi Gaambeellaa gidduu jiruun faayidaa Nageenyaa fi Misooma waloo fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiileen hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisaa jiru.
Magaalaa Asoosaatti gamoon Waajjira Qindoomina Nageenyaa fi Misooma Waloo naannolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz fi Gaambeellaa ijaarame eebbifameera.
Sirna eebbaa kana irratti Pireezidantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, Pireezidanțiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Itti Aanaan Pireezidantii Naannoo Gaambeellaa Dooktar Gaatluwaak Roon argamaniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan wayita kana dubbii dubbataniin hojiileen nageenyaa fi misoomaa naannoleen sadan waloon hojjetan tumsa gidduu isaanii jiru cimseera jedhan.
Gamoon kun ijaaramuunis hariiroo cimaa naannolee kanneen gidduu jiru itti fufsiisuun hojiilee badhaadhina hundagaleessa mirkaneessan irratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuuf ragaa dha jechuun ibsan.
Tumsi kun ilaalcha “Ida’amuu” gochaan kan agarsiisu fi tokkummaa uummataa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabus hubachiisaniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin, ijaaramsi bu’uraalee misoomaa fi eegumsi nageenyaa naannolee sadan gidduutti hojjetamaa jiru hariiroo uummataa fi uummataa caalaatti cimsa akka jiru ibsaniiru.
Keessumaa erga manni maree waliinii hundaa’ee jalqabee, ijaarsi duudhaa nageenyaa fi bu’uraaleen misoomaa faayidaa uummataa irratti xiyyeeffatan hojjetamaniiru jedhan.
Kunis hariiroo hawaasummaa fi diinagdee cimaa naannolee gidduutti uumamuuf bu’ura amansiisaa akka kaa’e kaasan.
Itti aanaan pireezdaantii naannoo Gaambeellaa Dooktar Gaatluwaak Roon gama isaaniin, Waajjirri Qindoomina Nageenyaa fi Misooma Waliinii naannolee sadanii hariiroo uummataa cimsuun alatti, kenniinsa tajaajilaa keessattis hojiiwwan hawaasa hedduu hojjeteeraa dubbatan
Gamoon Waajjira Qindoomina Nageenyaa fi Misooma Waliinii magaalaa Asoosaatti naannolee sadanii ijaarame kun gamoo abbaa darbii afurii yoo ta’u, ijaarsa isaatiif birriin miiliyoonni 300 baasii ta’uu ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia