Imalli badhaadhinaa keenya qabeenya itti hin fayyadamamne giddugala misoomaa gochuun madaalama- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Imalli badhaadhinaa magaalaa keenyaa kan madaalamu qabeenya itti hin fayyadamamne giddugala misoomaa gochuunidha jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa ‘ Galaan Guuraa Ashaaraa Badhaadhinaa keenya” jedhuun dabarsaniin, jireenya lammiilee fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Imalli badhaadhina magaalaa keenyaa kan madaalamu handhuura magaalichaa miidhagsuun qofa osoo hin taane qabeenyaafi idoowwan kaleessa haalaan itti hin fayyadamamiin giddugala misoomaafi guddinaa gochuunidha jedhaniiru.
Naannawaan Galaan Guuraa waggoota shan dura bu’uuraalee misoomaa kan hin qabne ta’uu yaadachiisanii, yeroo ammaa seenaan isaa jijjiiramee guddina misoomaa gama maraa magaalichaa kan agarsiisuu fi giddugala hariiroo dinagdeefi hawaasummaa ta’uus eeraniiru.
Ashaaraan keenya naannawichatti kaa’ame Paarkii Indaastirii qofa osoo hin taane haala naannawichaafi jireenya jiraattotaa guutummaatti kan jijjiiredha jedhan.
Akka fakkeenyaattis:-
1. Finfinneetti riqicha ammayyaa guddinaan kan jalqabaa ta’e; dheerina meetira 325 fi bal’ina meetira 60 qabu,
2. Bu’uuraalee misoomaa daandii Koriidarii daldalaa saffisiisee fi kallattiin Kaargoo Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa waliin walqabsiisu; Daandii Amartii dheerina Kiiloomeetira 21.73 ( Daandii Amartii Qaallittii- Tulluu Diimtuu fi Daandii Amartii Qaallittii- Addabaabaayii Qilinxoo),
3. Rakkoo Dhiyeessii manneen jireenyaa magaalichaa salphisuuf ijaarsa manneen waliin jireenyaa kuma 60,
4. Qe’ee jireenyaa mijataafi ammayyaa jiraattota misoomaaf naannawaa Kaazanchiis irraa ka’aniif ijaarame,
5. Fayyaa hawaasa magaalichaa sadarkaa olaanaan eeguuf ijaarsa Hospitaala Galaan Tiraawumaa,
6. Qonnaan bultoota naannawichaa misoomaaf jecha lafa isaaniirraa ka’aniif ijaarsa Giddugala Qonnaa qindaa’aafi ammayyaa,
7. Iddoowwan magariisaa babal’aafi paarkiiwwan akkasumas
8. Dirreewwan Ispoortiifi iddoowwan daa’imman itti taphatan, ijaarsa warshaa buddeenaa haadholiif carraa hojii uumuu fi kanneen biroo eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia