Dooktar Abiy Ahimad agarsiisa tajaajila Istaatiksii biyyaalessaa daawwatan
Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa agarsiisa tajaajila Istaatiksii ‘Birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti qophaa’e daawwataniiru.
Agarsiisa egereen Itiyoophiyaa carraa misooma daataan hogganamuu qabu mul’isu, Yaa’ii birmadummaa odeeffannoo biyyaalessaa mata duree ‘Birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun qophaa’erratti karooraa fi tajaajila Istaatiksii biyyaalessaa daawwataniiru.