Guyyaan Godahambaa Addunyaa kabajamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Guyyaan Godahambaa Addunyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajamaa jira.
Guyyichi akka addunyaatti yeroo 49ffaa fi akka Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 24ffaaf mata duree ‘Godahambaaleen addunyaa qoqqoodamte tokkummeessu’ jedhuun Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajamaa jira.
Godahambaaleen riqichoota kaleessa fi har’a walitti hidhaniidha jedhan Ittaanaan Komishinaraa Komishinii Tuurizimii magaalaa Finfiinnee Biiniyaam Taayyeen.
Finfinneen hambaalee kanneen misoomsuu fi gurmeessuun bakka hawwata Tuurizimii akka ta’an hojjetaa jiraachuu kaasan.
Hambaalee madda odeeffannoo fi bashannanaa taasisuun dhaloota akka ijaaraan gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Godahambaaleen addunyaa ilaalcha cimaan qoqqoodamte walitti dhiyeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Daayrekterri olaanaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa Dooktar Yooseef Beekaan dubbataniiru.
Qiddisti Abaatatiin
#Oromia #Ethiopia