Kana dura odeeffannoon biyyaalessaa hirkattummaa jala ture – Dooktar Fitsuum Asaffaa
Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Kana dura odeeffannoon biyyaalessaa hirkattummaa jalaa fi hanqina amanamummaa qaba ture jedhan Ministiirri Ministira Plaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan.
Yaa’iin biyyaalessaa mata duree “ Birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi hoggantoonni olaanoon mootummaa argamanitti gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti haasawa baniinsaa kan taasisan Ministiirri Ministira Plaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan, kana dura sirni odeeffannoon biyyaalessaa dandeettii ofiirratti kan hin bu’uroofne, hirkattummaa deeggarsa alaa jala kan turee fi gaaffii amanamummaa olaanaa qaba ture jedhan.
Kana hambisuuf lakkoofsa maatii, ragaalee Tuurizimii fi dhababilee biiznasii irratti qorannoo qindaa’aa gaggeessuun sirna diijitaalaa ammayyeessuu fi misooma daataarratti Invastimantii olaanaa taasiisuun akkaataa yaadama ida’amuun hoggansa imaammata odeeffannoorratti xiyyeeffatee fi kenniinsa murtee mirkaneessuun danda’ameera jedhan.
Bu’aan haaromsaa akka kanaas; Daataan lammiilee Itiyoophiyaan walitti qabamee akka xiinxalamu taasisuun birmadummaa fi bilisummaan imaammataa akka mirkanaa’u kan taasisu ta’a.
Akkasuma faayidaa biyyaalessaa, nageenya lammiilee fi mul’ata misoomaa bu’uura cimaan ijaaruun hojimaata murtee kennuu baramaarraa gara mala xinxaalaatti ce’uuf kan dandeessisu dandeettii dhaabbatummaa waaraa uumeera jedhan.
#Oromia #Ethiopia