Fana: At a Speed of Life!

Pirojeektiin Bishaan dhugaatii Halloo Gobbaa eebbifamuun tajaajilaaf baname

Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC)- Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Guddinaatti Pirojektiin Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 800 fi miiliyoona 92’n ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera.

Piroojektichi gandoota aanichaa 10’f tajaajila bishaan dhugaatii kan kennu ta’uun ibsameera.

Sirna eebbicharratti Hoggantuun Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa haasawa taasisaniin, Mootummaa rakkoo bu’uuraa hawaasaa furuuf hojii bu’uuraalee misoomaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu waggoottan darban hojii waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu irratti hojjetameen, mootummaa waadaa ummataaf gale hojii qabatamaatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiin kunis ummata baadiyyaa fi magaalaa miiliyoonaan lakkaa’amu fayyadamaa taasiseera jedhan.

Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injiinar Kunuuz Ahimad gamasaaniin, pirojektiin bishaan dhugaatii Halloo Goobaa kun rakkoo bishaan dhugaatii yeroo dheeraa hawaasni naannawichaa kaasaa ture bu’uura irraa furuuf kan ijaarame ta’uu ibsaniiru.

Gaaffiin misoomaa inni guddaan Bishaan waan ta’eef Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa gaaffii kana deebisuuf carraaqqii olaanaa taasisaa tureen milkaa’inni gama kanaan argame seektaraalee biroofillee fakkeenya ta’uu mirkaneessaniiru.

Haaluma kanaan Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasaa furuuf pirojektoota gurguddoo hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchituun Godina Harargee Lixaa Addee Ikraam Xaahaa, hawaasni naannoo gammoojjii jiraatu waggoota dheeraaf rakkoo bishaan dhugaatii cimaatiin rakkachaa akka turee fi yeroo hedduuf konkolaataa bootteedhaan bishaan dhiyaachaa turuu yaadachiisaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa rakkoo kana furuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun yeroo ammaa rakkoon kun seenaa ta’uu ibsuu isaanii Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.