Fana: At a Speed of Life!

Boornimawuz fi Maanchiister Siitii

Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC) – Sagantaa Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 37ffaa irratti Maanchiister Siitiin dirree isaan alatti imaluun halkan sa’aatii 3:30 irratti Boornimaawuz waliin ni taphata.

Maanchiister Siitiin dorgommii waancaa liigichaa keessa turuuf waan dorgomuuf taphichi baay’ee kan eegamudha.

Maanchiisteer Siitiin tapha halkan kanaan qabxii kan gatu yoo ta’e, Arsenal tapha torban 38ffaa osoo hin gaggeessin injifataa (shampiyonaa) liigichaa ta’uu isaa ni mirkaneeffata.

Gama biraatiin, Boornimaawuz dorgommii Waancaa Awurooppaa (European stage) irratti hirmaachuuf iddoo argachuuf morkiin inni geggeessu tapha kanaan ni eegama.

Taphawwan liigichaa biroon, Cheelsiin Istaadiyeemii IStaamford Biriijitti halkan sa’aatii 4:15 irratti Tootenhaam Hootispariin (Tottenham Hotspur) ni keessummeessa.

Cheelsiin taphoota liigichaa 7 booda gara injifannootti deebi’uuf gara dirree kan seenu ta’a.

Tootenhaam gama isaatiin, naannoo gadi bu’uu (relegation zone) keessaa ba’ee9 liigicha keessa turuuf morkii jabaa ni taasisa jedhamee eegama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.