Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii roobootiksii idil-addunyaan jilli garee Itiyoophiyaa damee filannoo uummataan injifate

Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC) – Dorgommii Shaampiyoonaa roobootiksii fi hubannoo namtolchee idil-addunyaan jilli garee Itiyoophiyaa damee badhaasa filannoo uummataan 1ffaa bahuun injifateera.

Dorgommii bara kanaa Ameerikaa Yuuniivarsiitii Laawureensitti gaggeeffameen guddattoonni Itiyoophiyaa gareewwan 738 biyyoota 39 irraa walitti babba’an waliin dorgomuun injifateera.

Dorgommichaan damee roobootiksii fayyaan 5ffaa, agarsiisa kalaqaan ammoo 6ffaa baheera.

Shaamipyoonaa Roobootiksii Miinoo’aan Idil-addunyaa dhiyeenya Giriikitti gaggeeffame irratti guddattoonni Itiyoophiyaa 2ffaa bahuun kan yaadatamudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.