Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen Azerbaajaanitti Tajaajila Giddugala tokkoo diijitaalaa Asaan daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Azerbaajaanitti Tajaajila Giddugala tokkoo diijitaalaa salphaa Asaan daawwataniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, nutis hanga ammaatti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob’n jijjiirama olaanaa fidnus dhimmoota muuxannoo nuuf ta’uu danda’an irratti mari’anneerra jedhan.

Asaan guyyaatti appilikeeshinoota kuma 40’n tajaajila akka kennu eeranii, Giddugalli tajaajila naannawaa baadiyyaatti Awutoobisiin kennamu tajaajila qindaa’aafi si’ataa kan kennu ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaattis giddugaloonni 41 ol ijaaramuun hojii eegaluu yaadachiisanii, kanneen keessaa giddugaloonni 6 fi Tajaajilli giddugala tokkoo Awutoobisii diijitaalaa 1 Finfinneetti tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojjettoonni Asaan fuula ifaafi naamuusaan tajaajila kan kennan ta’uu kaasaniiru.

Dargaggoota tola ooltota kutannoofi kabaja olaanaan uummata isaanii tajaajilan hedduus arguu ibsaniiru.

Biirookiraasiin keenyas akkaataa eegalleen guutummaatti akka jijjiiramu ni amanna; akka milkaa’uufis ciminaan ni hojjenna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.