Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’el Dooktar Abrahaam Niguusee, Israa’el deeggarsa invastimantii fi misoomaa Itiyoophiyaa keessatti gootu cimsitee akka itti fuftu dubbatan.
Ambaasaaddaronni fi miseensonni hawaasa dippilomaasii Finfinnee keessa jiraatuu zooniiwwan diinagdee addaa daawwataniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Israa’el Dooktar Abrahaam Niguusee Faana Miidiyaa Koorporeeshiin waliin turtii taasisaniin, hariiroon biyyoota lamaanii bu’uura cimaa irratti kan ijaarame ta’uun eeranii, keessumaa teknooloojii qonnaa, fayyaa, hojiiwwan kalaqaafi misooma humna namaa irratti hojiileen jalqabaman cimiinaan akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Daldalaa fi qonnaan alattis,nageenya saayibarii, teknoolojii odeeffannoo (IT) fi bu’uuraalee misoomaa yaalaa ammayyaa irratti tumsa biyyoota lamaanii gara sadarkaa olaanaatti ceessisuuf hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.
Dhaabbileen teknoolojii Israa’el imala dijiitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa deeggaruuf fedhii guddaa akka qabanis dubbataniiru.
Hariiroon uummataa fi uummataa biyyoota lamaanii, akkasumas hambaaleen seenaa fi hawaasni biyyoota lamaan keessatti argaman, hidhata diinagdee fi dippilomaasii kana cimsuuf utubaa guddaa ta’uu ambaasaaddarichi addeessaniiru.
Ministeera Dhimma Alaatti Daarikteerri Waliigalaa Dippilomaasii Diinagdee Ambaasaddar Yoohannis Faantaa gama isaaniin, hawaasni dippilomaasii ragaa qabatamaa argate bu’uureffachuun kaampaanonni gurguddoon biyyoota isaanii gara Itiyoophiyaatti akka dhufanii fi zooniiwwan diinagdee addaa keessatti akka bobba’an gahee dippilomaasummaa akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.
Mootummaanis abbootii qabeenyaa damee kanaan dhufaniif deeggarsa fi jajjabeessituu barbaachisu hunda cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase
#Oromia #Ethiopia