Piriimeer Liigii Itiyoophiyaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu
Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 33ffaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.
Haaluma kanaan waaree booda 7:00 eegalee Shaggar Istaadiyeemii Finfinneetti Maqalee 70 Indaartaa waliin taphata.
Sa’aatii 9:00 jalqabee Bunni Itiyoophiyaa Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Faasiil waliin morkata.
Akasuma waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Qidduus Giyoorgis Istaadiyeemii Finfinneetti Magaalaa Hawaasaa yoo keessummeessu, sa’aatii 12:00 eegalee Itiyoo Elektiriik Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Magaalaa Dirre Dhawaa waliin falmata.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 55’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 53’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 51’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.
#Oromia #Ethiopia