Fana: At a Speed of Life!

Gaheen Miidiyaalee dhimmoota biyyaalessaa murteessoo akka filannoorratti daran olaanaadha – Aadde Innaataalem Mallas

Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Gaheen Miidiyaalee dhimmoota biyyaalessaa murteessoo akka filannoorratti daran olaanaadha jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Innaataalem Mallas.

Waltajjiin mata duree ‘Gahee Miidiyaalee Milkaa’ina Filannoo Dimookiraatawaaf ” jedhuun qophaa’e Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Paartiileen siyaasaa yaada isaanii bilisummaan ummataatti akka dhiyeeffatan taasisuun paartilee ummata waliin walitti fiduun miidiyaaleen riqicha ta’anii tajaajilaa jiran jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Innaatalem Mallas yaada waltajjicharratti kennaniin.

Ragaalee sakattaa’uu, yaadoota rakkoo qaban qulqulleessuu fi sirreessuu keessatti qooda jabaa bahataa akka jiran ibsa.

Waltajjii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa fi Dhaabbileen Hawaasa Siiviil Itiyoophiyaa waloon qopheessan kanarratti hoggantoonni dhaabbilee kanneenii, Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa fi Gaazexeessitoonni argamuu ENA’n gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.